Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoo Shamarranii fi Dubartootaa Hambisuuf Hunduu Hojjachuu Qaba: Freeweynii Mebraahtu


Lammii Itiyoophiyaa kan taate Aaddee Freeweynii Mebraahtu “Gootittii bara 2019” jechuun Televiziyoonni Amerikaa beekamaan CNN torban dabree Doolaaraa Kuma Dhibba Tokkoo (100,000) badhaaseenii jira.

Freeweyniin gara studiyoo Raadiyoo Sagalee Amerikaa dhufuun gaaffii fi deebii gaggeesiteen yeroo ijoollummaa kooti jalqabee rakkoo na mudataa ture warri kaan akka isaan mudatu waan hin feeneef hojachaan ture jetti.

Shamarranii fi Dubartoonni yeroo “laguu ji’aa” rakkoon isaan mudataa ture yeroo ammaa iyyuu hin furamiin jira jechuun Freewayniin dubbatti.

Gama kaaniin Rakkoon kun shamarran ji’a ji’an guyyaa sadii ykn Afur barnoota isaanii irraa akka hafan gochuun milkaa’iina isaanii irratti danqaa ta’u barsiiftuu Bilqiisaa Musaa Oromiyaa irraa dubbatanii jira.

Kanaaf hawaasnii dhimma kanatti ilaalcha kennee gargaaruu akka qabu barsiiftuun kun hubachisanii jiru.

Gabaasa Guutuu caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:09:26 0:00


Yaada kenni

XS
SM
MD
LG