Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waaltaan Daldalaa Itiyoophiyaa Gama Kibbaatti Hundeeffamuuf Jira


Faayilii - Adababaayii Summudaa, Hawaasaa, Ethiopia
Faayilii - Adababaayii Summudaa, Hawaasaa, Ethiopia

Gareen investmentii Itiyoophiyaa gama kibbaa lammiiwwan Itiyoophiyaa ala jiraatan kanneen 170 a’an waaltaa daldalaa doolaara miliyoona $15 baasu Hawaasaa keessatti banuuf kan jiran ta’uun beekamee jira.

Daayrikterri garee Investimentii kanaa Ermiyaas Yohaannis gaazexeessotaaf akka ibsanitti waaltaan daldalaa kun hoteelota beekamoo 4, mana tiyaatiraa, manneen nyaataa fi suuqilee fi daldalawwan ka biroo of keessaa qaba.

Ijaarsa waaltaa daldalaa kanaaf bu’uurri kaa’amuun jalqabamee jira jedhan. obbo Ermiyaas akka jedhanitti gareen kun magaalaalee gurguddoo Itiyoophiyaa kanneen biroo keessattis waaltaa daldalaa wal fakkaatu banuuf karoorsan jedha Yonaataan Zebdwoos Hawaasaa irraa.

XS
SM
MD
LG