Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattonni Jaallatanii Biyya Ofii Hin Gadhiisan : Angawaa UNHCR


Baqattota Suudaan Kibbaa, Mooraa baqattootaa Jeewii, Itoophiyaa
Baqattota Suudaan Kibbaa, Mooraa baqattootaa Jeewii, Itoophiyaa

Biyyonnii fi dhaabbatonni addunyaa kanneen Jireenyi baqattootaa isaan yaaddeesse fi kan addunyaa irraa walitti dhufan sababaa wal waraansaa fi siyaasaan biyya ofii ba’anii mooraa qubsumaa keessa kannen jiran bakka jirantti jireenya dhaabbataa akka gaggeessaniif waadaan seenamee jira.

Muddee 16 hanga 18 bara 2019 Jeeneevaa keessatti guyyaa sadiif kan gaggeeffamee fi namoonni kuma sadii caalaan irratti argaman “Gumii Baqattoota Addunyaa”irratti biyyonni maddi galii isaanii xiqqoo ta’e keessa baqattonni jiran deggersa maallaqaa fi meeshaalee adda adda akka argatan gochuuf waadaan seenamee jira.

Iityoohiyaan baqattoota hedduu simachuun Afrikaa keessatti iddoo duraa waan qabattee jirtuuf gumii kana irratti qooda guddaa qabaataa akka turte waajiira UNHCR dame Itiyoophiyaaf dubbi himaa kan ta’an Oboo Kissut Gabre Egzaaber ibsanii jiru.

Itiyoophiyaan bara dabree raggaasisuun hojii irra kan oolchite labsiin baqattonni Itiyoophiyaa keessa jiran mirga hojjachuu fi barachuu akka argatan ajajauu hojii irra olaa jira.

Kana malees baqattoota kuma sagaltama ta’aniif carraa madda galii ittiin argatan akka uumuuf jirtu akkasumas kuma digdama kanneen ta’aniif leenjii ga’uumsaa kennuuf haala akka mijeesitu waadaa seentee jirti.

Gabaasa Guutuu Caqasaa

Baqattonni Jaallatanii Biyya Ofii Hin Gadhiisan : Angawaa UNHCR
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:28 0:00


XS
SM
MD
LG