Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaa Waliin Hariiroo Dinagdee Jabeeffachuu Feena.Briteen


Mummichi ministeera Briteen Boris Jaanson walgahii Invastmeentii kan hogganoota biyyoota Afrikaa Londonti gaggeeffamuu irratti Briteen biyyoota Afrikaa fi kanneen biro dinagdeen isaanii hatattamaan guddataa jiru waliin waliigaltee daldalaa haaraa tolfachuu feeti jedhan.

Kunis Briteen ji’a kana jechuun Amajjii 31 gamtaa Awuroopaa keessaa eega baate booda ta’uun ibsamee jira.Kunis gamtaa Awuroopaa keessaa eega baanee booda kan jedhan Jaanson Briteen addunyaa waliin hojjatti jedhan.

Addunyaa irratti biyyoota dinagdeen hatattamaan guddataa jiru 15 keessaa harka caalaan Afrikaa keessatti argamu jechuun Janson jiloota konfraansii kana irratti hirmaataniif ibsan.

Dinagdeen Afrikaa Sadii keessaa harkii Lama giddu galeessaan addunyaa irratti mul’atu jiru irra aritiin babal’ataa jira.Afrikaan hegeeree gaarii ta’uuf jirti. Nutis gara fuula duraatti qooda guddaa fudhachuuf jirti jedhan Jaanson.

XS
SM
MD
LG