Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaa Dinagdeen Akkas Guddatte Addunyaan Argee Hin Beeku: Prezidaant Traamp


Prezidaantiin Amerikaa Donald Traamp walii galtee daldalaa ijoo ta’anii lama lammiwwan Amerikaaf haala ammaan dura argamee hin beekneen injifannoo ta’uuf jira jedhan.

Traamp har’a sirna baniinsa Foramii Dinagdee Addunyaa Daavos Swizarland keessatti gaggeeffamu irratti dubbatan.Traampiin aangoo irraa kaasuuf jecha deemsa yakka ilaalchaa seeneeta keessatti har’a gaggeeffamu sa’atiilee hanaga tokko dura Traamp kana dubbatan.

Amerikaa keessatti hojjattootaa fi kaampaanilee maddi galii isaanii giddu galeessa ta’eef injifannoo argamee jechuun Traamp tarreessan.

Kana akeessaattis walii galtee sadarkaa duraa Chaayinaa waliin tolfamee fi walii galtee daldalaa haaraa Kaanaadaa fi Meeksiskoo waliin tolfamee seeneetnii raggaasisee maqaa dhahan.

Waggaa lama dura walgahii wal fakkaataa irratti yeroon dubbadhe jedhan Traamp Amerikaan deebitee akka bayyanattu goona jedheen ture jedhan.

Har’a Amerikaan biyya dinagdee hedduu guddattee fi addunyaan waan akkasii argee hin beeku jedhan.

XS
SM
MD
LG