Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhimmi Prezidaant Traamp Seeneeta Biyyatti Biratti Har’a Ilaalamuu Jalqaba


Prezidaantii Amerikaa aangoo irraa buusuuf yakki ilalchii gaggeeffamu Kibxata har’a guutummaan seeneetaa keessatti jalqabama.Seenaa Amerikaa keessatti Prezidaantiin waan kakatee aangoo itti qabatee cabsee jedhamuun aangoo irraa kaasuuf yaaliin ta’u inni kun yeroo sadaffaa ta’u isaati.

Deemsa kanaaf wanni jalqaba godhamuuf jiru Ripaablikaanootaa kan hogganamuu seeneetiin Amerikaa sagantaa hogganaan jarreen sagalee yayyabaa Mitch Mc Connel yakka ilaalchaa gaggeeffamu kan ilaaleen sagantaa dhiyeessan irratti sagalee kennu.

Kunis kan Demokraatonni itti heddumaatan manni marii bakka bu’ootaa garee Traampiin himachuuf dhiyaatanii fi gartuun seeraa kan Traampiif dhaabatan mata mataatti sa’atii 24 ykn ykn guyyaa lama keessatti dhimmi isaanii akka dhiyeeffatan gaafata.

XS
SM
MD
LG