Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traamp Tarkaanfii Haaloo Ba’iinsaa Fudhatan Qoratamuu Qaba: Chaak Shumar


Hogganaa paartii Demokraatotaa, Chaak Shumer

Prezidaant Traamp namoota ragaa irratti ba’an kanneen miseensa waraana biyyatti ta’an haaloo ba’uuf jecha hojii irraa ari’uun qaaneessaa fi kan seeraan alaa waan ta’eef ministeerri Ittisa biyyatti akka qoratuuf seeneeta keessatti hogganaan paartii Demokraatotaa kan ta’an Chaak Shumer gaafatanii jiru.

Prezidaant Traampiin aangoo irraa buusuuf yakka ilaalcha gaggeeffame irratti Traamp irratti raga kan ba’anii turan yoo ta’u to’attoota sadarkaa olaanaa 74 kanneen mootummaa keessaa hojjattoota Federaalaa kanneen bulchiinsii Traamp hojii seeraan alaa hojjachuu saaxilan irratti haaloo ba’u yoo danda’aa ta’e akka qoratamuuf gaafatan.

Mana maree nageenya biyooleessaa kan Waayit Hawuus keessatti hayyuu waa’ee Yukreen kan ta’an Letenaa Koloneel Alexander Vindman ari’amuu irratti fulleefatan Shumer.

Obboleessii lakkuu Vindman Traamp itti dabalanii hojii irraa ari’an.Kana malees Gordon Sondland kan bara 2017 Traamp kakatanii aangoo qabatan Dolaara Miliyoona gumaachanii turan fi gamtaa Awuroopaa Braasels jiruutti Ambaasaadara Amerikaa turan hojii irraa ari’an.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG