Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaala Jimmaa Keessatti Fiigichi Deeggarsa Dr. Abiyyif Gaggeeffamee


Dargaggoonni magaalaa Jimmaa fiigicha deggersaa muummee ministiraa Itoophiyaa, Dr. Abiyyi Ahimadiif gaggeessanii jiru.

Paartii Badhaadhinaa Dr. Abiyyi Ahmadiin dursamu kanneen deeggeran kun Paartii Kongirasii Federaalistii Oromoo kan piroofeesar Mararaa Guddinaa jecha uummata Jimmaa fi biyyatti xiqqeessu dubbatan komee jedhuus ni qaban.

Kanaafis jecha komee kana irratti dubbatanii hanga furmaanni hin argamneetti KFOn tibbana magaalaa Jimmaatti marii hawaasaa gaggeessa jedhamaa ture kan morman ta’u ibsan.

Dhimma kana kan ilaaleen Piroofeesar Mararaa Guddinaa deebii kennaniin waan uummataa fi biyya Jimmaa xureessu hin dubbannee jedhanii jiru.

Gabaasa Guutuu Caqasaa

Magaala Jimmaa Keessatti Fiigichi Deeggarsa Dr. Abiyyif Gaggeeffamee
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:44 0:00




XS
SM
MD
LG