Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amnestii Internaational: Oromiyaa Keessatti Haleellaa Poolsiin Deggeraan Mormituu Tokko Ajjeesame


Amnesty International logo
Amnesty International logo

Amnestii Internaational Haleellaa Poolsiin Itiyoophiyaa Geggeesseen Oromiyaa Keessatti Deggeraan Mormituu Tokko Ajjeesame, Artistiin Muuziqaa Tokko Madeessamte, Jedha

Poolisiin Itiyoophiyaa Bulchiinsa naannoo Oromiyaa keessatti, Sanbata dabre kana, haleellaa deggertoota paartii mormituu irratti geggeesseen, nama tokko ajjeesee, kaan hedduu madeessee, garii immoo hidhee jira – jechuun Amnestii Internaashinaal har’a gabaasaa baaseen beeksisee jira. Paarlaamaan Itiyoophiyaa guyyaa filannoo eega labsee sa’atiilee booda, Poolisiin addaa Oromiyaa sirna baninsa waajira Adda Bilisummaa oromoo magaalaa Walanciitiitti geggeessamaa ture weeraruudhaan, rasaasaa fi gaazii imimmaansisu itti dhukaaseen, deggeraa ABO uffata daldalaa uffatee ture tokko ajjeese – jedha – gabaasaan Amnestii Internaashinaal kun.

Guyyuma sana gara boodaa immoo, magaalaa Buraayyuu keessatti eebba Hoteelaa geggeessamaa turetti Poolisoonni bobba’uudhaaan keessummoota cidha sana irra turan gara soddomaa qabee, konkolaataan gara Isteediyeemii Ispoortiitti geessuun, sa’atiilee hedduuf reebichaa fi gochaa qaanessaa irratti geggeesse – jechuun gabaase – Amnestiin. “Haleellaa hamaan akka kanaa, yeroo ammaa kana Itiyoophiyaa keessatti walga’uu fi ilaalcha siyaasaa ofii ibsachuun hagam bala’amaa akka tahe agarsiisa,” ka jedhan – Amnestii Internaashinaalitti, Daarektorri Itti-aanaan Afrikaa gama Bahaa fi Kibbaa – Seyiif Magaangoo, walga’ii mormitootaa weeraranii miidhaa geesssisuun yeroo filannoon dhihaate kanatti eeyyamamuun akka irra hin turre hubachiisan.

XS
SM
MD
LG