Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rogeeyyiin Bulchiinsa Naannoo Amaaraa Mata Duree Nageenya Uummataa Kabajsiisan Irratti Akka Fulleeffachuu Qaban Gaafatamee Jira


Rogeeyyiin sabaa himaa hawaasaa irratti dhiyaatan dhimma tokkummaa biyyaa jajjabeessuu fi mata duree nageenya uummataa kabajsiisan irratti akka fulleeffachuu qaban gaafatamee jira.

Rogeeyyiin bulchiinsa naannoo Amaaraa torban kana marii magaalaa Baahir Daar keessatti gaggeessaniin guyyaa guyyaan bifaa fi qabiyyee isaa jijjiraa kan jiru siyaasnii biyyatti akka isaan yaaddeesse ibsuun mata duree uummata addaan qoodan keessaa ba’uun rakkoo biyyattiin keessa jirtu keessaa baasuutti akka fulleefatan akka hubachiisan.

Muddamnii siyaasaa biyyatti keessaa haala kanaan yoo itti fufee biyyattiin qormaata guddaa keessa seenuu akka dandeessu dubbatan.

Filannoon biyyatti keessatti gaggeeffamuuf jiru karaa nagaan akka xumuramu qooda gama isaanii kan gumaachan ta’u ibsuun odeessa sobaa afarsuun uummattoota giddutti walitti bu’iinsii akka ka’u rogeeyyii godhan irratti mootummaan tarkaanfii akka fidhati gaafatan.

Manni marii bakka bu’oota uummataa kan itiyoophhiyaa dhiyeenya kana labsii odeeffannoo dogoggoraa to’atu raggaasisuun isaa ni yaadatama.

XS
SM
MD
LG