Xurree ittiin seenan

Breaking News

Danqaa Siyaasaa Keessa Jirru Kessaa Ba’uuf Walii Galtee Biyyoolessaatu Barbaachisa: Profeeser Mararaa Guddinaa


Dr. Mararaa Guddinaa
Dr. Mararaa Guddinaa

Kan dhiyaachaa jiru filannoon Itiyoophiyaa utuu hin geggeessamin dura biyyttiin keessa seente kan jedhan danqaa siyaasaa keessaa ba’uuf filannoo walabaa fi haqa qabu geggeessuu dura walii galteen biyyoolessaa uumamuu qaba jechuu dhaan dura taa’aan Kongresii Federaalawaa Oromoo profeeser Mararaa Guddinaa beeksisaniiru.

Hamma dandeenye paartiin biyya bulchu keessumaa muummichi ministeeraa walii galtee biyyoolessaa kan jedhu irraan akka nu ga’an ergaa keenya dabarsuu barbaanna, martinuu haalli qixa itti ilaalamuun danda’amu akka uumamu barbaanna jedhan.

Profeeser Mararaan marii uummtaa magaalaa Hawaasaatti geggeessame irratti akka dubbatanitti yeroo ammaa humnoota polotiikaa biyyattii gidduutti mulataa kan jiru danqaan siyaasaa fi adda addummaan paartii biyya bulchuu gidduu tapha afchaalotaa ti jedhanii, yaalii qaamonni aangoo irra turuuf godhan danqaa siyaasaa jiru kan mul’isanii dha. Kana ittisuufis humnoota siyaasaa gidduutti walii galtee siyaasaa uumuutu barbaachisa jedhaniiru.

Danqaa Siyaasaa Keessa Jirru Kessaa Ba’uuf Walii Galtee Biyyoolessaatu Barbaachisa: Profeeser Mararaa Guddinaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:14 0:00


XS
SM
MD
LG