Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaan Lammilee’shee Chaaynaatti Weerara kooronaan karaa bahaa dhabaniif Shilingii Milliyoona 1.3 ramadde


Dubbi himaa mootummaa Keeniyaa Saayres Oguulaa

Mootummaan Keeniyaa weerara dhukkuba Kooronaa vaayresiin biyyatti deebi’uu dadhabanii Keeniyaa Wuhaan keessatti rakkoorra ka jiran lammilee Keeniyaa gargaaruuf kan oolu qarshii Shiilingii miiliyoona 1.3 ykn ammoo Doolaara kuma 13 ramaduu beeksise. Direkterri waajjira ministeera fayyaa Keeniyaa Dookter patrik Amoth; qarshii kanaan barattoota keeniyaa Wuhaan jiran kan amma waan nyaatan dhabanii rakkoo keessa jiran gargaarra jechaan dubbatan.

Keeniyaan Lammilee’shee Chaaynaatti Weerara Vaayirasii Kooronaan karaa bahaa dhabaniif Shilingii Milliyoona 1.3 ramadde
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:11 0:00


Kaleessa gaazexeessitootaaf ibsa kakennan dubbi himaan mootummaa Keeniyaa Saayres Oguulaa Keeniyaan vaayresii kana ofirraa aggatuuf of eeggannoo ga’aa taasisaa jiraachuu himan. Mrs. Saayres humni naga eegdota mootummaa fi ogeeyyiin fayyaa buufataalee seensaa fi ba’ums biyyattii 34’nuurratti namoota seenanii fi bahan irratti hordoffii malu gagageessaa jiraachuu dubbatan.Mootummaan Keeniyaa ammas Vaayressin Chaaynatti mudate kun biyyattii akka hin seenneef balalii xiyyaaraa Chaaynaa gara Keeniyaa taasifamu adda kutee jira. Kanaafis lammileen biyyattii Chaaynaa jiran ammaaf yeroo murtaa’eef achi turu akka qaban murtee dabarsee jira.


Yaada kenni

XS
SM
MD
LG