Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godinaan Geedihoo Akka Bulchiisa Naannootti Akka Ijaaramu Gaaffiin Dhihaate


Godinaan Geedihoo akka bulchiisa naannootti akka ijaaramu gaaffiin dhihaate kora hatattamaa manni-maree bakka-bu’ootaa godinichaa kaleessa taa’een raggaasisamee, akka gara mana-maree naannoo Kibbaatti dabarsamu murtaa’ee jira.

Dhaabbatni Uummata Geediyoo gama isaatiin, dhimma kana akka hordofu ibsee, “gaaffiin kun ajandaa uummataa waan taheef, murtiin fedha uummataa irratti hundaa’e akka itti kennamu waamicha dhiheessina’ jedhee jira.

Dheengadda, bulchiisa naannoo Kibbaa, godinaa Silxee, magaalaa Waraabee keessatti uummata waliin marii ka ggeggeesan muummichi-ministaraa Abiyyi Ahimed, lakkoobsa sabaa fi sab-lammootaatiin bulchiisa naannoo ijaaruun akka hin jiraanne. Garuu, dhimmi isaa qoratamee furmaata akka argatuu fi mirgi ofiin of bulcha sabichaa akka kabajamu dubbatanii turan, jedha gabaasaan VOA Yonaataan Zebdiyoos.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG