Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartiin Abiin Hogganaa Isaa Jijjire


Anis ta’e paartiin an hogganaa turee qajeelfama bakka wal buusuu kan hordoofu waan ta’eef aangoo irraa ka’e jechuun Dura ta’aa Abiin kan turan Dr. Dassaalenyi Caannee ibsanii jiru.

ABIN Guraandhala 14 fi 15 gumii arifachisaa waameen Dr Dassaaleenyiin kaasee itti aanaa isaanii kan turan Obbo Ballaxaa Mollaa muuduu beeksisee.

Paartiin kun itti aanaa dura ta’aa gochuun Obbo Yusuuf Ibraahimii fi miseensoota koree hojii raawwachiiftuu 9 filatee jira.Dr. Dassaaleeny gaaffii ofii dhiyeeffatanii aangoo gadhisuu isaanii VOAf ibsanii jiru.

Dhimma kana kan ilaaleen kibxata borii sabaa himaaf ibsii kan kennamuu ta’u itti gaafatamaan waajiira qunnamtii uummataa Obbo Xaahir Mohammed ibsanii jiru.

Dr. Dassaaleeny paartii ABIIN Kana waggaa lamaaf dura teessummaan hogganuun isaanii ni yaadatama.

XS
SM
MD
LG