Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sababaa Siyaasaaf Namoota Hidhuun Godinaalee Oromiyaa Adda Addaa Keessatti Hammaate, Jedhu Maatiilee fi Jiraattonni 


Maatiin namoonni keenya nu jalap hidhaman jedhan kanneen naannoo Oromiyaa godinaalee adda addaa irraa Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti dubbatan namoonni baay'een gaaffii tokko malee ji'a tokkoo oliif waajjiraalee poolisii kaa'amanii akka hiraarfamaa jiran dubbatu.

Magaalota akka Naqamtee ,Amboo, Aanaa Jimmaa Arjoo,shawaa kaabaa Aanaa warra Jaarsoo ,Gujii bahaa fi godinaalee biroo keessatti hidhaan sababaa ilaalcha siyaasaan geggeeffamu hammaate, jedhu jiraattotni fi maatiin hidhamtootaa jedhaman kanaa.

Ka dhiheenya gabaasaa abase, dhaabbanni margaa namoomaaf falmu, Liigiin Mirga Namoomaa Ganfa Afrikaas gama isaatin Bitootessa 20 hanga Eeblaa 15tti ragaa walitti qabeen godina Gujii Bahaa keessatti qofa namoonni 68 hidhaman, jedha.

Gama Mootummaatii immoo, Komishinni Poolisii Oromiyaa fi Biiroon Dhimmoota Koomiyunikeeshinii Oromiyaa namoonni yoo yakkaan shakkaman malee sabana siyaasaaf hin to'ataman, jedhu.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Sababaa Siyaasaaf Namoota Hidhuun Godinaalee Oromiyaa Adda Addaa Keessatti Hammaate, Jedhu Maatiilee fi Jiraattonni
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:28 0:00


XS
SM
MD
LG