Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Hidha Laga Abbayyaa Bishaan Guutuuf Karoora Qabdu Ittiin Fufa Jetti


Faayilii - Obboo Silashii Baqqalaa
Faayilii - Obboo Silashii Baqqalaa

Itiyoophiyaan Hidha Laga Abbayyaa Bishaan Guutuuf Karoora Qabdu Ittiin Fufa Jetti

Kunis baatii Adooleessa dhufutti kan karoorfame yoo ta'u mummicha ministeeraa Abiyyi Ahmadiin kan hogganamuu waltajjiin itti gaafatamtoota sadarkaa olaanaa gaggeeffamaa jira.

Koree Teknikaa irraa gabaasa dhiyaate irratti mariin gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u hojiin ijaarsaa harka 87 akkasumas walii galaan harkii 73 xumuramuun ibsamee jira.

Kanaafis jecha sadarkaa bishaan guutuu dand'amu irraa ga'u isaatu ibsame.

Itiyoophiyaan bishaan akka hin guunnee ittisaa jechuun Masriin gola naga eegumsaatti torban dabree iyyachuun ishee ni yaadatama.

XS
SM
MD
LG