Xurree ittiin seenan

Breaking News

Misirroota Maallaqa Cidha Ittiin Qopheeffachuuf Walitti-qabatan Hiyyeeyyiif Dabarsanii Kennan


Dargaggoo fi shamarreen dhiheenya wal-fuudhan maallaqa duraan cidha isaanii ittiin qopeessuuf waggaa tokkoof walitti qabatan qarshii 320,000 namoota harka qalleeyyii fi humna hin qabnee, kanneen Finfinnee kutaa magaalaa Boolee keessa jiraataniif akka kennamu dabarsanii kennan.

Baatiin keessa jirru Itiyoophiyaa keessatti baatii cidhi itti baay'atu jedhamee kan beekamu yoo ta'u,bara kana namoonni hedduun sababaa uggura Vaayirasii Kooranaaf jecha beellama cidha isaanii yeroo biraatti dabarsan. Kaan immoo akkuma misirroota Dilabtata dabre wal-fuudhan kanaa maallaqa isaanii namoota harka qalleeyyiif ka dabarsanii kennan jiraachuu malan.

Dargaggoo Haaptaamuu Alamuu fi Shamarree Elshaadaayi Sabbooqaa jedhamu kanneen karoora cidhaan dhiichisanii wal-fuudhuu haqanii, maallaqa isaa hojii tola-ooltumaaf oolchan. Ga’ela isaanii cicha malee raaw’atanii, amma warroomanii jiran.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Misirroota Maallaqa Cidha Ittiin Qopheeffachuuf Walitti-qabatan Hiyyeeyyiif Dabarsanii Kennan
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:47 0:00


XS
SM
MD
LG