Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sababaa Koronaan Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa Keessatti  Humnaan Gudeeddiin Hammaatee Jira


(Suuraa faayilii)

Weerara dhukkuba Koviid -19f jecha uummanni mana keessa turuuf yeroo dirqamee kanatti humnaan gudeeddiin Itiyoophiyaa keessatti hammaachuu jaarmayaan dubartoota gudeedamanii fi hokkarri saalaa miidhaman gargaaru beeksisee jira.

Miniseerri dubartootaa ijoollee fi dargaggootaa akka jedhutti kanneen mana ofii keessatti rakkoo kanaaf saaxilaman qophaatti adda baafamanii kan ka'aman yoo ta'u weerara vaayrasii koronaa kan ilaaleen gorsii kennamaafii jira.

Gama kaaniin rakkoo wal fakkaataan Somaaliyaa keessatti mudachuu isaa dhaabnii daa'immanii Yuuniiseef (UNICEF) beeksisee jira.

Qorannaa jaarmayaan kun Ebla 9-15 Somaaliyaa keessatti gaggeesseenmanneen barnootaa cufamuu fi mana keeessa akka turan ta'uun nyaataa fi galiin hanqachuun ijoollee haala lubbuu isaaniif sodachisuuf saaxilee jira.

Humnaan gudeeddii fi hokkarri saalaa shamarranii fi dubartoota irra ga'u hammaatuus ibsee jira Yuniiseef.

Yaadawwan Ilaali

XS
SM
MD
LG