Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qabsaa’aan Mirga Namaa Ameerikaa Jeesii Jaaksen Hidha Laga Abayyaa Ilaalcisee Gola Naga Eegumsaaf Xalayaa Ergan


Hidha laga Abbayyaa ilaalchisee golli naga eegumsaa kan tokkummaan mootummootaa xalayaa Masriin ergiteef tarkaanfii tokko iyyuu utuu hin fudhatin dura dameen miseensota mana mareea bakka bu’oota uummataa gurraachota ta’an kan Ameerikaa, dursee ibsa cimaa akka baasu wal ta’iinsa eenyummaa ofii oolchuuf uummata tokkoome jedhu kan hundessan luba Jeesii Jaaksen gaafataniiru.

Umurii isaanii dargaggummaa qabee Dr. Maartiin Luuter Kiing faa waliin qabsaa’aa mirga namaa fi dhageettii kan qaban Jeesii Jaaksen maqaa dhaaba isaaniiin kan mallatteessanii fi dura taa’aa miseensota mana maree Ameerikaa gurraachota ta’aniif dura taa’aa kan ta’an Kaaren Baasiif dheengadda xalayaa ergan irratti, ibsi wal ta’iinsa kanaa bara 1929 kan ba’e walii galtee koloneeffattummaa irraa kan garagalchame kan “Masriin laga Abbayyaa irratti mirga bishaanii ani qabu” ejjennoo jedhu kan deggeru murti liigii Arabaa kan mormu akka ta’uuf gaafataniiru.

XS
SM
MD
LG