Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gumiin Fayyaa Addunyaa Talaalii fi Dawaan COVID-19 Ittisu Nama Maraaf Akka Dhiyaatu Wixinee Gaafatu Qopheesse


Wixineen Warra Awrooppaan ba’e kun mirga abbummaa dawaa kana dhiy ilaalchisee ennaa gurgurtaaf dhiyaatu danqaan akka hin hammaanne gaafatee jira.

Gumiin Fayyaa Addunyaa Talaalii fi Dawaan COVID-19 Ittisu Nama Maraaf Akka Dhiyaatu Wixinee Gaafatu Qopheesse
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:43 0:00

Mirgi abbummaa kun walii galtee jarmayaa daldala addunyaa hedduu keessatti haammatamee jira. Danqaan dhiyeessii dawaa kun dhabamuun biyyoonni talaalii ykn dawaa COVID-19 ittisuuf ykn wal’aanuuf dhiyaatu kana seeraan akka galfatan ykn gatii gad aanaa dhaan dawaa gurguramu akka oomishan eeyama.

Yuunaayitid Isteetis wixinee sana sadarkaa duraatti akka itti hin fufne mormitee turte. Mirga abbummaa kampaanilee daawaa irraa mulquun bu’aa isaanii gad xiqqeessee dawaa haaraa akka isaan hin oomishne abdii kutachiisa jette.

Wixineen sun qorannaan dhuunfaa fi xiinxalli walii galaa akkaataa WHOn weerara ittisuuf itti hojjete illee akka geggeessamu gaafatee jira. Hoogganaan WHO Teedroos Adhaanoom, qorannaan akkasii hamma danda’ame dafee akka geggeessamu haala kan mijeessan ta’uu dubbatan.

XS
SM
MD
LG