Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gumiin Dhimmootii Heeraa Qoratu Dhuga Ba’umsa Ogeessotaa Dhaga’aa Ture Har’a Xumure


Gumiin dhimmootii heeraa qoratu marii marsaa sadaffaan geggeesse adeemsa ogoeessota irraa dhuga ba’umsa dhaggeeffatuu har’a xumuree jira. Dura teessuun gumii isaanii prezidaantiin mana murti walii gala aadde Me’aazaa Ashenaafii akka jedhanitti yaadaawwan barreeffamaa dhiyaatan 22 keessaa irra hedduun gara xumura wal fakkaatuutti kan geessanii dha.

Har’a dhuga ba’umsa kan kennan ministeera eegumsa fayyaa, angawoota boordii filannoo Itiyoophiyaa fi hoji geggeessitoonni waajjiraalee yeroo weerara vaayiresii koronaa fi yeroo labsiin hatattamaa labsamee jirutti filanoo geggeessuun akka hin danda’amne ibsaniiru jedha Iskinder Frew Finfinnee irraa.

XS
SM
MD
LG