Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ibsa Maqalee irraa Ba'ee fi Deebiin Finfinnee Irraa Kenname Maal Jedha?


Ibsa Maqalee irraa Ba'ee fi Deebiin Finfinnee Irraa Kenname Maal Jedha?
Ibsa Maqalee irraa Ba'ee fi Deebiin Finfinnee Irraa Kenname Maal Jedha?

Addi bilisummaa uummata Tigraay (TPLF) mootummaan Federaalaa kutaalee biyyattii garaa garaa keessatti dhiittaa mirga namaa raawwataa jira jechuun himate.

Ibsa Maqalee irraa Ba'ee fi Deebiin Finfinnee Irraa Kenname Maal Jedha?
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:54 0:00

Ayyaana Caamsaa 20 ilaalchisuun paartichi ibsa kenneen waggoota 29 dura ADWUI aangoottti dhufe jedhee jira.

Paartichi mootummaa federaalaaa kan yeroo ammaa sirna abbaa irree Dargiin wal fakkeessuu dhaan mootummaan Abiy ol aantummaa gosa tokkoo deebisee fiduu barbaada jechuun himachuu isaa Muluugeetaa Atsebahaa Maqalee irraa gabaasee jira.

Gama kaaniin qeeqa Mootummaan bulchiinsa naannoo Tigraay mootummaa federaalaa irratti dhiyeessee kun dhekkamsa ykn mufannaa akkasumas miraan kan guutamee jechuun waajiira mummicha ministeera Itiyoophiyaatti itti gaafatamaan waajiira preesii Obbo Nigusuu Xilaahuun dubbatanii jiru.

Jijjirama yeroo ammaa kana argameef sababaan hammeenya sana dura hojjatame ta'uus hubachiisan.

Gareen bulchiinsa naannoo Tigraay bulchaa jiru kun ibsa kana fakkaatee baasuun achuuma Tigraay keessatti gaaffii ka'aa jiran bifa biraa qabsiisuuf yaadeetu jedhan Obbo Nigusuun,

Qabeenyaa saamameen Itiyoophiyaa goodina yaaddoo akka taatuuf hojjachuu kana irraa of-qusachuun barbaachisaa akka ta'e Obbo Nigusuu Xilaahuun hubachiisuu isaanii Iskindir Freew Finfinnee irraa gabaasee jira.

Gabaasa Maqalee fi Finfinnee irraa ergame caqasaa.

XS
SM
MD
LG