Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kutaaleen Yunaayitid Isteetis Saddeet Filannoo Duraanii Kan Paartii Ofii Geggeessaa Jiran


Kutaaleen US saddeet fi Washington DC har’a filannoo duraanii kan paartii dimokraatotaa fi Ripaablikaanotaa geggeessaa jiran.

Kutaaleen Yunaayitid Isteetis Saddeet Filannoo Duraanii Kan Paartii Ofii Geggeessaa Jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:13 0:00

Filannoon duraanii kan paartilee torbanneen dura geggeessamuuf ture garuu saabaa weerara vaayiresii koronaan kan ka’e lafa irra harkifate.

Filannoon sun bakka buutota mana maree murti seeraa fi mana maree bakka bu’oota uummataa kanneen filannoo biyyoolessaa Sadaasa 3 geggeessamuuf kaadhimaman filachuuf of keessaa qaba.

Filannoon kun itti dabaluu dhaaan itti aanaa prezidaantii duraanii Joo Baayiden kaadhimamaa paartii dimokratotaa akka ta’aniif sirnaan filachuu dhaan Sadaasa keessa prezidaant Traampiin ka ta’uu dorgoman beeksisuu dha.

Kan marsaa lamaaf itti aanaa ajajaa waraana walii kan bulchiinsa Baaraak Obaamaa kaadhimamtoonni 20 ta’an dorgommii dimokraatotaa keessaa ennaa ba’aniyyi duruu kaadhimamaa ta’u jedhameera.

XS
SM
MD
LG