Xurree ittiin seenan

Breaking News

Niw Ziilaand Dhibeen Koronaa Haaraan Biyya Ishee Keessatti Ka’uu Beeksiste


Muummee Ministiraa Niw Ziilaand Kaakindaa Aarden
Muummee Ministiraa Niw Ziilaand Kaakindaa Aarden

Niw Ziiand kamisa har’aa namni sadaffaan turban kana vaayiresii koronaan qabamuu gabaaste. Akkuma kanaan mootummaan erga vaayiresi koronaa biyyattii dhabamsiisuu beeksisee booda qajeelfama uggura sochii cimaa baasee jira.

Namoonni sadanuu bakka biroo irraa gara Niw Ziilanditti imalan. Namni boodanaa Pakistaan irraa kan gamas dhaqe yoo ta’u bakka qofaa tursiisaman keessa seenee jira.

Kutaalee addunyaa garaa garaa keessaa lakkoobsi namoota vaayiresii koronaan qabamanii ol ka’uun yaaddoo uumee jira. Hindiin namoonni 12,881 haaraan vaayiresichaan qabammuu har’a gabaastee jirti. Biyyattii keessaa yeroo ammaa uummata 367,000tu vaayiresii koronaan qabaman.

US keessaa kutaaleen hangi tokko lakkoobsi namoota vaayiresii kanaan qabamanii guyyoota dhiyoo as ol ka’uu yoo gabaastu lakkoobsi namoota du’anii gad bu’aa adeeme.

Oklahoomaa bakka prezidaant Tramp sambata dhuftu duula siyaasaa geggeessuuf jiran magaalaa Tulsa keessaa kaleessa sa’aatilee 24 keessatti namoonni 259 haaraa vaayiresii koronaan qabaman.

Angawaa gameessi eegumsa fayyaa Tulsa Bruce Dart akka jedhanitti namoonni hedduun waa’ee COVID dadhabaniiru, garuu COVID hin dhabamne. Amma iyyuu jira. Hawaasa keenya keessa battala tamsa’aa jira jedhan. Kanaaf ennaa bakka uumati heddummaatu dhaqxan maaskii keeyyadhaa, wal irraa hiiqaa, qulqullinaa fi harka dhiqachuu hin dagatinaa, ofii fi maatii keessaniif of eeggada jedhan.

Texas keessaas namoonni 3,100 COVID-19n yoo qabaman California keessaa immoo kanneen haaraa vaayiresii kanaan qabaman 4,000 caalaniiru.

Akka galmee Yuniversitii Joons Hopkinsitti namoonni 840 haaraan COVID-19n du’anii jiran.

Niw York koronaa dhaan kan akkaan dha’amte yoo taatu, bulchaan Niw York Andrew Kuwoomoo garuu kaleessa daariqi ykn infekshin kun akkaan baay’achuu irraa gara baay’eetti gad bu’e jedhan. Namoonni 17 kibxata darbe yoo du’an kun guyyaa itti lakkoobsi kun gad bu’e keessaa isa tokko jedhan Cuomoon.

XS
SM
MD
LG