Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haala Itiyoophiyaa Keessaa Itti Dhiyeenyaan Hordofaa Jirra: Antoniyoo Gutarrees


Wellisaa Oromoo beekamaan Haacaaluu Hundeessaa Wiixata Waxabajjii 29 bara 2020 eega ajjeefamee booda haala Itiyoophiyaa keessaa barreessaa dureen Tokkummaa Mootummotaa Antoniyoo Gutarrees itti dhiyeenyaan hordofaa kan jiran ta'u dubbii himaan isaanii ibsanii jiru.

Maatii wellisaa Haacaaluu Hundeessaa fi jeequumsa uumameen kanneen firri jalaa ajjeefamee maraaf gadda itti dhaga'ame ibsanii gama kaaniin kanneen kana rawwatan seera duratti dhiyeessuuf cicha mootummaan agarsisaa jiruus simatanii jiru.

Haallii jiru tasgabii akka argatu kanneen kana keessaa harka qaban marti tarkaanfii haala kana hammeessan fudhachuu irraa akka of-qusataniif Antoniyoo Gutarrees gaafachuu isaanii dubbii himaan isaanii ibsanii jiru.

XS
SM
MD
LG