Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Eertraa Masrii Daawwataa Jiran


Preziaant Isaayyaas Afewerqii kaleessa ganama daawwannaa hojii guyyoota sadiif gara Masriitti qajeelanii jiru.

Ennaa daawwannaa isaanii kana prezidaantii Masrii Abdel Fattaah Al Sisii fi angawoota biyyattii ka biroo waliin dhimmootii naannoo fi dantaa biyyoota lamaanii irratti mari’achuuf jiru.

Ennaa isaan buufata xayyaara Kaayiroo ga’anitti angawoonni Masrii gameeyyiin simannaa ho’aa godhaniifii jiru. Prezidaant Isaayyaas waliin ministeerri dhimmi alaa Osmaan Saaleeh fi gorsaa prezidaantii Yemaanee Gebreaab imalanii jiran.

Yeroo dhiyoo prezidaant Isaayyaas Itiyoophiyaa fi Sudaanitti daawwannaa wal fakkaatu geggeessanii jiran.

*Maxxansa duraa irratti "Preziaant Isaayyaas ....gara Asmaraa..." kan jenne dogoggoraanii. Imalli isaanii gara Masriiti. Amma sirreesineerra. Nu oofkalcha.

XS
SM
MD
LG