Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoon Sidaamaa Itti aanaa Prezidaantii Filate


(Suuraa faayilii)

Naannoo Itiyoopiyaa 10ffaa ta’uun kan hundeeffame Sidaamaan itti aanaa prezidaantii fi prezidaantii mana murtii walii gala moggaasee jira.

Prezidaantii naannichaa kan jalqabaa obbo Dessaa Lidaamoo tiin mana maree naannoof dhiyaatanii itti aanaa prezidaantii ta’uun kan filataman obbo Beqqe Tumsaa yoo ta’an manni marees muudama isaanii sagalee gutuu dhaan raggaasiseeraaf.

Obbo Demise Dullachaa immoo prezidaantii mana murtii walii gala kan naannoo sidaamaa ta’uun muudamaniiru. Manni maree sun muudama itti gaafatamtoota waajjiraalee ka biroo ni beeksisama jedhamee eegamaa kan ture yoo ta’u prezidaantichi muudamni itti gaafatamtoota waajjiraalee 16 yeroo biraatti akka darbu mana marichaa gaafatanii eeyamameeraaf.

Obbo Dessaa Liidaamoo prezidaantii naannoo ta’uun kan muudaman Sambata darbe ennaa Sidaamaan sirnaan naannoo ta’uun hundeeffamuun isaa beeksisametti.

XS
SM
MD
LG