Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paarlaamaan Itiyoophiyaa Bajata Waggaa Raggaasise


Faayilii - Muummeen ministiraa Itoophiyaa yeroo paarlaamaa biyyattif haasaa godhan, Ebla19, 2018.

Bajatii raggaasifamee kun qarshii Biliyoona 400 fi Biliyoona 76 yoo ta'u isa yeroo kaanii irra gudda ta'uun ibsamee jira. Sababaan isaa waggoota lamaan darban keessa omishnii argamee irraa hafaa ta'u Mummichi Ministeeraa Abiyyi Ahmad ibsanii jiru.

Rakkoo biyyatti keessa jiru kan ilaaleenis kanneen humnaan aangoo qabachuuf yaalii godhan ittiin jedhan sanatu dhiiga dhangala'eef itti gaafatamoo dha jedhan.

Amma iyyu taanaan biyya alaa keessa ta'anii duula gaggeessuun biyyatti jeeqaa jiru kan jedhan yoo ta'u adda baasanii maqaa hin dhoofne.

Hidha laga Abbayyaa yeroo saganteeffameetti bishaan guutuun akka jalqabamuu Dr Abiyyi ibsanii dinoonni keenya badii geesisuuf yaalanis hojiin bishaan guutuu kun ni gaggeeffama jedhan.

Yaadawwan Ilaali (5)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG