Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komishinarri Komiishina Mirga Dhala Namaa Itiyoophiyaa Hogganoota Siyaasaa Hidhaman Waliin Dubbachuu Isaanii Ibsan


Faayilii- Komishinara Komiishina mirga dhala namaa Itiyoophiyaa, Obboo Daani'eel Baqqalaa

Hogganoota paartii mormituu Iskindir Naggaa fi Oduu gabaasaa OMN Shamsuddiin Xahaa Kibxata dabree to'annaa jala yeroo olfamanti reebamuu isaanii polisiin natti himeera jechuun komishinarri Komiishina mirga dhala namaa Itiyoophiyaa Daani'eel Baqqalaa Ibsanii jiru.

Polisiin akka jedheetti haallii uumamee ture salphaadha jechuu isaa ibsanii hogganooa siyaasaa kanneen dhiyeenya kana hidhaman Iskindir Naggaa, Baqqalaa Garbaa, Jawaan Mohammad dabalatee kanneen biroos haasofsisuu isaanii dubbatan.

Kan torban dabree ajjeefamee wellisaa Oromoo beekamaa Haacaaluu Hundeessaa eessatti awwaalamuu qaba isa jedhu irratti dura dhaabannaa humnootii mootummaa waliin ture hordofaa turre jechuu isaanii Obbo Daani'eel ibsanii jiru.

Iskindiir Naggaa garu hokkara gosaa kakaasee jedhamuun himatamuu VOAf ibsanii jiru.

Yaadawwan Ilaali (4)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG