Xurree ittiin seenan

Breaking News

Vaayiresiin Koronaa Haaraa Ameerikaa Keessatti Faca’uu Itti Fufuun Yaaddoo Uume


Angawoonni naannolee kan guutuma kutaalee Yunaayitid Isteetis gama kibbaa prezidaant Traamp qaruma miidhaa hin qabu jedhan iyyuu, dilbata kaleessaa faca’inni vaayiresii koronaa akkaan heddummaataa adeemuu ilaalchisee yaaddoo haaraa qaban ibsaa jiran.

Kantiibaan magaalaa Phoenix, Arizona Kate Gallego caaaa oduu ABCf akka ibsanitti daldalaawwan naannoo jiran erga isaanii baatii Bitootessaa fi Ebla keessa cufamnii booda danfnee bannee jirra jedhan.

Amma rakkoo keessa jirra jechuu dhaan magaalattii keessaa uummata magaalattii miliyoona 1.7 keessaa 59,000 kanneen ta’an vaayiresii koronaan qabamaniiru.

Yunaayitid Isteetes erga dhiyeenyaa guyyaatti namoonni 50,000 ol haaraa vaayiresii koronaan qabamuu gabaastee jirti.

Angawoonni naannolee akkaan dha’amanii faca’ina vaayiresichaa dhaabsisuuf jecha naannoon isaanii deebisee akka cufamu ajajanii jiru, garuu mgaalaan New York of eeggannoo dhaan daldalaawwan banaa jirti.

Vaayiresiin Koronaa Haaraa Ameerikaa Keessatti Faca’uu Itti Fufuun Yaaddoo Uume
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:41 0:00


XS
SM
MD
LG