Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miidhaan Godinaa Keenya Keessatti Raaw’atame Kan Addatti Saba Tokkotti Xiyyeeffate Miti, Jedhu Bulchaan Arsii Lixaa


Faayilii - Arsii Lixaa magaala Kafalee yeroo mormii Oromiyaa bara 2016 keessa
Faayilii - Arsii Lixaa magaala Kafalee yeroo mormii Oromiyaa bara 2016 keessa

Wixata torban darbee erga artist Haacaaluu Hundeessaa irratti ajjeechaan raawwatamee qabee Naannolee Oromiyaa adda addaa akkasumas guutummaa addunyaa irraa mormiin dhaga’amaa jira. Erga ajjeechaan kun raawwatamee booda godinaalee oromiyaa tokko tokko keessatti jeeqamni uumamee qabeenyaa fi lubbuun namaa baduun illee gabaasamaa jira.

Namoota qabeenyaan keenya manca’ee maatiiwwan keenya nu duraa ajjeefaman jedhan waahila afaan Amaaraa Tsion Girmaaf kaleessa ibsanii jiru. Namoonni kun akka himatanitti haleellaan raawwatame saba isa tokko kaanittii adda baasee ti jedhan.

Nutis kana irraa ka’uu dhaan bulchaa godina Arsii obbo Jamaal Aliyii dubbisneerra. Obbo Jamaal akka jedhanitti qabeenyaan manca'es ta'e namoonni ajjeefaman saba isa kamiinuu adda kan baase miti, hundumaa irratti raawwatame jedhan. Kanneen sabaa fi sabni akka wal irratti ka'an fakkeessuu dhaan nagaa biyyaa jeeqantu olola akkasii oofa jedhan.

Miidhaan Godinaa Keenya Keessatti Raaw’atame Kan Addatti Saba Tokkotti Xiyyeeffate Miti, Jedhu Bulchaan Arsii Lixaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:30 0:00


XS
SM
MD
LG