Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoota Mormitootaa Hidhuu Mannaa Hiikanii Marii Araarsa Biyyoolessaatti Hirmaachisuu Tu Furmaata, Jedhu Profeesara Mararaa Guddinaa


Obbo Baqqalaa Garbaa fi Obbo Jawaar Mohammed
Obbo Baqqalaa Garbaa fi Obbo Jawaar Mohammed

Dura-taa’aan Kongirasii Federaalawa Oromoo fi ka gamtaa paartiilee Medrek, proofeesar Mararaa Guddinaa, hoogganoota siyaasaa akka Obbo Baqqalaa Garbaa fi Obbo Jawaar Mohammed faa hidhanii kaa’uu irra hiikanii marii araara biyyoolessaa uumuu keessatti otuu qooda fudhachiisanii irra bu’aa qabaata, jedhu.

Hoogganoonni isaanii sadarkaa adda addaa fi miseensonni isaanii godinaalee Oromiyaa adda addaatti hidhamuu akka gabaasaa argataa jiran ka dubbatan, Professor Mararaa Guddiaa, sababaa tajaajilli interneetii biyyattii keessa hin jirreef, odeeffannoo ga’aa argachuu fi mirkaneeffachuun rakkisaa dha, jedhu. Har’a miseensi Koree Hoji-raaw’achiistuu fi itti-aanaa barreessaan KFO, Dajanee Xaafaa barii jala mana isaanii tii qabamanii fudhatamuullee dubbatan, Profeessar Mararaan.

Gurmuu abukaatoolee seeraa hoogganootaa KFO fi ABOf dhaabatan, Dr. Tokkummaa Dhaabaa immoo, maammiloota isaanii dubbisuuf har’atti beellama fudhatanii gurmuudhaan ennaa mooraa Koomishina Poolisii Finfinnee deeman, humna addaa akka jabaatte hidhatee mooraa sana dura jiruun of irra deebisamuu VOAtti himan.

Gaaffii fi deebii guutuu caqasaa.

Hoogganoota Mormitootaa Hidhuu Mannaa Hiikanii Marii Araarsa Biyyoolessaatti Hirmaachisuu Tu Furmaata, Jedhu Profeesara Mararaa Guddinaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:42 0:00


XS
SM
MD
LG