Xurree ittiin seenan

Breaking News

 Haalli Koolu Galtoota Liibiyaa Keessatti Hidhamanii Jiranii Akkaan Yaaddessaa Ta’uu Abuuna Fraansis Beeksisan


(Suuraa faayilii)

Abunichi kaatolika Roomaa Fraansisi koolu galtoonni mooraa itti hidhaman kan Liibiyaa keessaa haalli jireenya isaanii hamtuu ta’uu har’a beeksisan.

Haala suukaneessaa isaan keessa jiraatan amanuun rakkisaa dha jechuu dhaan haasaa enna yaadannoo imala isaanii waggaa torbaffaa Lameduusaa, odola Xaaliyaanii geggeessan dhageessisaniin ibsaniiru.

Abunichi mooraan hidhaa sun akka cufamu gaafatanii jiran. Gareeleen mirga namaa akka jedhanitti dhiittaan mirga namaa kan akka humnaan gudeeddii, dararaa fi humnaan hojiif mindeessuun waaltaalee hidhaa 20 ta’an kaan isaanii gareelee hidhataniin geggeefaman keessatti raawwatama.

Tokkummaan mootummootaa akka jedhetti mooraan hidhaa lakkoobsi isaa hin beekamne ka biroon immoo kanneen seeraan ala nama deddeebisaniin to’atama.

Waaltaaleen hidhaa kun bakka namoonni dadhata siyaasaa gaafatan kanneen andaara galaana Liibiyaatii deebi’an keessatti hidhamani.

Xaaliyaanii fi gamtaan Awrooppaa sochii koolu galtummaa to’achuuf jecha waardiyyaa andaara galaana Liibiyaa eeguuf maallaqa hedduu baasanii jiran.

Gareeleen mirga namaa koolu galtoota kana Awrooppaa akka hin seenne ittisuun kanneen duula kanatti hirmaatan dararaa mooraalee kana keessatti raawwatutti hirmaachuu isaanii mul’isa jedha.

Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG