Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Keessaa Lakkoobsi Namoota  COVID-19n Qabamanii Miliyoona Sadii Ol Ta’e


Yunaayitid Isteets keessaa uummata miliyoona sadii ol vaayiresii koronaan yoo qabaman kanneen 130,000 ol ta’an immoo du’aniiru.

Kutaalee Ameerikaa gurguddo kan akka Kaalifoorniyaa, Filooriidaa, Teeksaasii fi Arizoonaa keessatti immoo namoota hedduun haaraa vaayiresichaan qabamaa jiran. Akka gabaasa Mariyaamaa Diaalootti vaayiresichi kutaa Kaalifoorniyaa keessatti heddummaataa ademuun demokraaticha bulchaa kutaa kanaa Gavin Newsom kutaan sun hangi tokko deebisee akka cufuamu akka ajajan dirqisiie.

Mnni maree kutaa Kaalifoorniyaa boqonnaa irra turese fi turban dhuftu hojiitti deeb’isuuf ture yeroo hin murtaa’iniif cufamee jira. Ripaablikaanonni hanga tokko isa kana hin simanne.

Miseensa mana maree kutaa Sanaa kan ta’an Keevin Kileey akka jedhanitti qaama mootummaa seera tumu yeroo hin murtaa’iniif cufuun furmaata fudhatama qabu miti.

Uummati guutummaa kutaa kana keessaa hojii nuti hojjennu irratti hirkatu.keessumaa hojiin kalattiin dhimmootii fayummaa uummaataa kan COVID-19tti hidhata qabuu fi dhimmootiin kanaan qabatee jiru dinagdee fi jireenya uummatichaa miidha jedhan.

Flooridaanis kutaa ka biroo vaayiresichaan dha’amte keesaa ti. Bulchaan Flooridaa Ripaablikaantichi Ron DeSants akka jedhanitti weerara vaayiresii koronaa to’achuuf keellaaleen eegumsa fayyaa kutaa kanaa qophee dha jedhan.

Kibxata darbe jilli dimokraatotaa kan kutaa Filooridaa akkaataa bulchaan kutaa Sanaa weerara vaayiresii koronaaf deebii itti kennan qeequu dhaan guutummaa kutaa Sanaa keessatti uummanni maaskii ykn haguuggii funyaanii fi afaanii akka keeyyatan ajajuu dhabuu fi bakki bashannanaa naannoo galaanaa akka hin cufamne ajajuu dhabuun lammiiwwan Filooridaa ajjeesuu fi dhibee kana facaasuu dha jedhan.

Yunaayitid Isteetis Keessaa Lakkoobsi Namoota  COVID-19n Qabamanii Miliyoona Sadii Ol Ta’e
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:20 0:00


Flooridaa keessaa torbanneen darban keessa uummati 8,500 guyyaatti vaayiresii koronaan kan qabaman yoo ta’u kunis kan baatii darbee dacha saddeet caala.

XS
SM
MD
LG