Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Ameerikaa COVID-19n Lakkoobsi Namoota Du’anii Xiqqaate Gabaasa Jedhuun Gowwoomuu Hin Qabu: Dr. Antonii Faawuchii


Dr. Antonii Faawuchii
Dr. Antonii Faawuchii

Lakkoobsi namoota Yunaayitid keessaa vaayiresii koronaan qabaman miliyoona sadiitti siqaa ennaa jiru kanatti, hayyuun dhimmootii dhukkuboota daariqaa ka biyyattii gameessi biyyattii lammiiwwan Ameerikaa lakkoobsi namoota weerara vaayiresichaan du’anii gad xiqqaate kan jedhu oduu kijibaan akka hin gowwoomne akeekkachiisan.

Dr. Antonii Faawuchii hoogganaan waaltaa dhukkuboota daariqaa fi infekshinii kana kan dubbatan kaleessa ennaa seneter Doug Jones waliin Facebook irratti gaaffii fi deebii geggeessanitti ture. Waa’ee vaaiyrsii kanaa waan sodaachisaa hedduun waan jiruuf sobamuu hin qabdan jedhan Faawuchiin.

Yunaayitid Isteetis keessaa hanga har’aatti lakkoobsi namoota COVID-19n du’anii 131,457 ga’uu waaltaan qorannaan Yuniversitii Joons Koopkiins beeksisee jira. Prezidaant Traamp immoo boonanii ennaa dubbatan lakkoobsi namoota vaayiresii koronaan du’anii gad deemaa jira jedhan.

XS
SM
MD
LG