Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chaayinaan Waajjira Naga Eegumsa Biyyoolessaa Hong Kong Keessatti Dhaabde


Chaayinaan kan hanga tokko ofiin of bulchitu Hong Kongiin to’achuuf tarkaanfii ijoo fudhatteen har’a waajjira naga eegumsa biyyoolessaa magaalattii keessatti bantee jirti.

Angawaatuu ol aanaan kan Hong Kong Carrie Lam walii galtee waajjirri haaraan kan nageenya Hong Kong to’atu kun ifa itti ta’e beeksisan Hoteela Metropark jedhamutti ture.

Isaan waliinis kan haaraa waajjira naga eegumsaa kana hoogganuuf moggaafaman Zheng Yanxiong, hoogganaa waajjira diplomaasummaa Beejiing kan Hong Kong Luo Huining, fi hoogganoota isaan dura turan Tung Ch hwa fi Leung Chun-ying turan.

Luo-n sirna qophaa’e irratti waajjirichi gamasitti banamuu faarsuu dhaan kanneen fedhii dhoksaa qabanii fi farra Chaayintaa ta’anii Hong Kong-n tasgabbii dhorkatan waajjiricha jibbuu qofa utuu hin taane jiraattota Hong Kong sodaa fi yaaddoo itti naquuf jecha casaa seeraa fi ol aantummaa seeraa kanneen hin qabajne jedhan.

Akka seera naga egumsa haaraa Hong Kong-f ba’etti eenyu iyyuu kan shororkeessummaa oofu, addaan fottoquu yaalu, humnaan aangoo qabachuu yaaluu fi humnoota alaa waliin wal ta’iinsa qabu hidhaa umurii guutuun adabama.

Qeeqxonni akka jedhanitti seerri haaraan kun biyya tokko bulchiinsa lama seera jedhu dhabamsiisa. Hong Kong erga Briteen jealaa bara 1997 walaboomuun Chaayinaatti kennamet ofiin of bulchuu sadarkaa ol aanaatu kennameefii ture.

Guyyaa dhuma wal fakkaatu waajjirri nageenyaa kun baname barattoonni Hong Kong, kabajaan Hong Kongiif faaruu jedhu akka hin faarsine waajjirri barnoota magaalattii ugguree jira.

XS
SM
MD
LG