Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Doonaald Traamp Hoogganaa Kooriyaa Kaabaa Waliin Irra Deebi’uun Mari’achuuf Qophee Dha Jedhan


(Suuraa faayilii
(Suuraa faayilii

Piyoong yaang marii dhimma niwkileraa itti fufuuf fedhii akka hin qabaanne ennaa ibsaa jirtu kanatti prezidaant Doonaald Tramp marii ka biroo hoogganaa kooriyaa kaabaa Kim Jong Un waliin geggeessuuf qophee ta’uu dubbatan.

Tramp yaada kana kan kennan kaleessa gaaffii fi deebii Gray TV jedhamu waliin geggeessaniin ture.

VOAfis gabaasa ka dabarsu gaazixeessaan TV Sanaa Susteren Kim waliin wal arguun faayidaa qabaa jechuun gaaffii Traampiif dhiyeesseen ennaa deebisan hariroo gaarii waliin qabana, kanaaf tarii ni fayyada jedhan.

Kooriyaan kaabaa torbanneen darban keessa yeroo lama Yunaayitid Isteetis waliin marii geggeessuuf fedhii akka hin qabaanneef, kun haala siyaasa biyya keessaa Traamp qofaaf bu’aa qaba jettee jirti.

Ammas irra deebi’uu dhaan Yunaayitid Istetis waliin kallattiin gad teenyee dubbachuuf fedha tokko iyyuu hin qabnu jechuu dhaan angawaa ministrii dhimmi alaa Kooriyaa kaabaa kan ta’an Kwon Jong Gun dubbataniiru.

XS
SM
MD
LG