Xurree ittiin seenan

Breaking News

Siiriyaa Idilib Keessatti Yeroo Jalqabaaf Vaayiresiin Koronaa Argame


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Vaayiresiin koronaa yeroo jalqabaaf mooraa namoonni qe’ee ofii irraa buqa’anii tuucha’anii keessa jiraatanii fi ripxe loltootaan to’atamee jiru Siiriyaa Kaaba gama dhiyaa keessatti argame.

Namni vaayiresichaan qabame doktorii Idilib keessaa yoo ta’u battala mallattoo of irratti argan qofaatti of baasan. Namni isaan waliin wal arge kam iyyuu kan qoratamu ta’uu angawoonni beeksisaniiru.

Deggersa wal’aansa fayyaa kann kennu dhaabi kunuunsa fayyaa fi baraarsaa ibsa baaseen akka jedhetti vaayiresiin kun akka abidda bosonaatti mooraa baqataa keessa faca’uu danda’a.

Bakka biroo dhaa immoo manneen barnootaa Hong Kong martinuu Wixata darbe cufamanii jiru. Yeroon kun yeroo boqonnaan yeroo bonaa itti jalqabu.

Sababaa COVID-19n manneen barnootaa cufamanii turan baatii Caamsaa keessa banamanis amma vaayiresichi deebi’ee ka’uu isaan deebisanii cufaman.

Yunaayitid Isteetis keessaa namoonni 64,000 vaayiresii koronaan qabamuun kaleessa gabaasameera. Angawaa gameessi dhimmootii dhukkuba daariqaa kan biyyattii bulchaawwan kutaalee cufataa turan faca’ina kana dhaabsisuuf banuutti akka hin ariifanne akeekkachiisaniiru.

Yuniversitiin Joons Hopkins akka gabaasetti addunyaa irraa namoonni miliyoona 12 ol vaayiresii kanaan yoo qabaman kanneen keessaa miliyoonni 3 ol Yunaayitid Isteetis keessa.

Ameerikaan faca’ina kana tasgabbeessuu dadhabdus prezidaant Doonaald Traamp torbanneen dhufan keessa manneen barnootaa biyyattii akka banaman dhiibbaa gochaa jiran. Manni barnootaa yoo baname hagam ijoollee fi barsiistotaaf amansiisaa dha inni jedhu garuu amma iyyuu gaaffii keessa jira.

XS
SM
MD
LG