Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shakkamtoonni Ajjeechaa Hacaaluuttii Hidhata Qaban To’ataman Jedhan Abbaan Alangaa Mana Murtii Ol Aanaa


Faayilii - Haadha alangaa mummittii kan federaalaa ,Aaddee Adaanach Abeebee
Faayilii - Haadha alangaa mummittii kan federaalaa ,Aaddee Adaanach Abeebee

Shakkamtoonni lama kanneen kallattiin artist Hacaaluu Hundeessaatti dhukaasuun ajjeesan jedhaman Xilaahuun Yaamii fi Abdii Alamaayyoo to’annaa jala ooluu Abbaan alangaa federaala Itiyoopiyaa sabaa himaa biyya keessaaf ibsaniiru.

Shakkamaa sadaffaa namni Gammachuu Kabbadaa jedhamu barbaadamaa jiraachuu illee tuqaniiru. Itti dabaluudhaan godina Arsii keessaa maatiiwwan miidhaan nu irra ga’e jedhan buufata poolisii keessa qubatanii jieenya isaanii bakkatti deebisuuf namni nuu birmate hin jiru jedhu.

Mootummaan Itiyoophiyaa lammiiwwan isaa haleellaa irraa akka ittisu amnestii internaashinaal gaafateera jechuu dhaan jarmiyichatti daayirekterri gaanfa Afriikaa Fisehaa Tekilee.

Fisehaan akka jedhanitti interneetii cufuun haasaa jibbiinsaa ittisuuf furmaata yeroofii ti, mootummaan komee biyya keessa jiruuf furmaata waarinsa qabu fiduu qaba jedhan jechuu dhaan Tsion Girma gabaasteetti.

XS
SM
MD
LG