Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjeefamuu Angawaa Waraana Itiyoophiyaa Ilaalchisee Murtii Dhumaa Kennuuf Bellamnii Qabameera


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Waxabajjii 15 bara 2012 dallaa mana jireenyaa isaanii keessatti kan ajjeeefaman Jeneeraal Tsehaare Makonninii fi kan isaan waliin turan Mejar Jeneraal Gezaa'ii kan himatamee ajajaa kudhanii Masaafint Xigaabuu irratti ragaa dhageesisaa ture xumuruu isaa abbaan alangaa mana murtitti har'a beeksisee jira.

Raga baatoota 17 kan dhiyeeffatee ta'uus isaan keessaa 7 kan dubbatan ni ga'a jedhamee warri kaan akka hafan ta'e.

Manni murtees murtii kennuuf jecha Onkolooleessa 2 bara 2013 tti bellama kennee jira.

Ajajaa kudhanii Mesaafint waliin himatamanii kan turan namoota 12

waltajjii siyaasaa nal'isuuf jecha sababaa jedhuun mootummaan hidhaa gadhisuun isaa ni yaadatam.

XS
SM
MD
LG