Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattonni Addunyaa Amerikaa Seenanii Barachuuf Carraan Vizaa Argachuuf Qaban Maal Fakkaata?


Yunaaytid Isthunaeetes keessatti sababaa weerara vaayrasii Koronaan kan ka'e barnoonni sadarkaa adda addaa gama marsariitii ykn online akka gaggeeffamu ta'uun ni yaadatama.

Baatii barnoonni itti jalqabamuu Hagayya fullee keenyaa manneen barnootaa sadarkaa adda addaa, yunivarsitiwwanii fi kooleejoonni ni banamuu? inni jedhu deebii qubsaa hin argatiin jira.

Keessumaa barattonni biyyoota addunyaa garaa garaa irraa gara Yunaaytid Isteetes dhufanii barataa turanii fi kan haaraa barachuuf dhufaa jiran rakkoon isaan mudatee jira.

Bulchiinsii Traamp akka jedhutti barumsii Amerikaa keessaa guutuummaatti gama marsariitiin itti fufa taanaan barattonni addunyaa Amerikaa seenuuf Vizaa Hin argatan.

Murtii kana mormuun Yunivarsitiin Harvaard fi Inistituutiin Teknolojii kan Maasaachuseetis himannaa isaanii mana murtitti kan galfatan yoo ta'u Yunivatsitiwwan kanneen biroo 60 ta'an deggersa qaban ibsaa jiru.

Barnootaaf Amerikaa Seenuuf Carraan Jiru Maal Fakkaata?
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:42 0:00


XS
SM
MD
LG