Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lakkoobsi Namoota Addunyaa Irraa Vaayiresii Koronaan Qabamanii Miliyoona 13 Darbe


Addunyaa kana irraa lakkoobsi namoota vaayiresiin koronaan qabamanii miliyoona 13 caalee kanneen du’an immoo 570,000 ol ta’ee ennaa jiru kanatti Yunaayitid Isteetis xumura baatii bonaa irra talaallii oomishuun eegala jechuun kan abdattu ta’u beeksiste.

Mootummoonni hedduun uggura sochii kaasanii turan deebiisani kaa’uu dhaan qajeelfama wali irraa hiiqiinsa hawaasummaa fi namoota vaayiresii kanaan qabaman qofaatti baasuuf jiru cimsaa jiran.

Caasaa oduu CNBC jedhuuf kaleessa ibsa kan kennan angawaa gameessi bulchiinsa Traamp tokko oomishi talaallii kanaa inni kam sirriitti haa hojjetu hin mirkaneeffatinuu malee jalqabameera jedhan. Angawaan kun akka jedhanitti meeshaan ittiin oomishanii fi bakki oomishaa qophaa’eera jedhan.

CNBCn akka jedhetti kampanileen lama kanneen talaallii kana oomishan Moderna fi Johanson &Johonson yaalii nama irratti ta’u sadarkaa xumuraa xumura baatii kanaatti jalqabu jedhamee eegama.

Hong Kong ennaa geejjiba uummataan adeeman maaskii kaayyachuun dirqama ta’uu beeksisuu dhaan kanneen kana irra darban doolaara $645 adabdi.

Austraaliyaa kutaa gama kibbaa Viktooriyaa keessaa namoonni 270 haaraa COVID 19n qabamuun yoo gabaasamu lama du’aniiru. Kunis lakkoobsa namoota biyyattii keessaa Koronaan qabaman 10,251n kan ga’e si’a ta’u 110 du’anii jiran.

Briteen keessaa lafa gabaa fi suqiiwwan ennaa dhaqan maaskii kaayyachuun torban dhuftuu kaasee dirqii ta’uun beekamee jira. Geejjiba uummataa keessatti maaskii kaayyachuun durumaa dirqama ture.

Yunaayitid Isteetis keessaa namoonni 60,000 kaleessa haaraa vaayiresii koronaan qabamanii jiran. Kutaalee hedduun dinagdee isaanii bananii turan weerarri kun deebisee waaan ka’eef deebisani cufuuf dirqamaa jiru.

XS
SM
MD
LG