Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jeeqama Dhiyeenya Dhaqqabe Ilaalchisuun Itiyoopiyaan Ibsa Baaste


Faayilii -Daayiriktera sabquunnamtii Oromiyaa Geetaachoo Baalchaa
Faayilii -Daayiriktera sabquunnamtii Oromiyaa Geetaachoo Baalchaa

Itiyoopiyaan naannoo Oromiyaa keessatti jeeqama dhiyeenya uumameen badii ga’e ilaalchisuun ibsa baste.

Daayiriktera sabquunnamtii Oromiyaa Geetaachoo Baalchaa VOAf akka ibsanitti manneen dhuunfaa fi daldalaawwan kummi tokko yoo gubatan konkolaataan dhuunfaa 240 erga artist Haacaaluun ajjeefamee booda mormii ka’ee jeeqama ka’een manca’aniiru jedhan.

Obbo Geetaachoon akka jedhanitti hookkara ka’een uummanni kuma 10 qe’ee ofii irraa godaananii manneen sagadaa fi buufata poolisii keessa qubatanii jiru.

Koreen dhuunfaa miidhaa dhqqabe galmeessuu dhaan viidiyoo akkasumas kanneen miidhaan irra ga’e haasofsiiseera jedhan. Siiviiloonni 167 fi humnoonni naga eegumsaa 11 du’uu isaanii poolisiin beekiseera.

XS
SM
MD
LG