Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Waajjira Qonsiilaa Chaayinaa Hiwusten Teeksaas Keessa Jiru Akka Cufamu Ajajje


 Qonsiilaa Chaayinaa Hiwusten Teeksaas
Qonsiilaa Chaayinaa Hiwusten Teeksaas

Yunaayitid Isteetis qoonsiilaan Chaayinaa kan Houston, Texas keessaa akka cufamu ajaja dabarsigte. Ibsi har’a ganama dubbi himtuu ministrii dhimma alaa Mrgan Ortagus-n kenname akka jedhutti qoonsiilaan kun akka cufamu kan ajajame qabeenyaa hayyoota lammiiwwan Ameerikaa fi odeeffannoo duunfaa lammiiwwaniif eeguumsa gochuuf jecha.

Maqaa sirnaa kan Chaayinaa tuquu dhaan Orgaagus akka jedhanitti Yunaayitid Isteetis seera irra daddarbuu Ripaablikiin uummata Chaayinaa raawwatuu fi doorsisa uummata keenya irra ga’uuf obsa hin qabnu jedhanii shaakala daldalaa haqa irratti hin hundoofne kan Chyinaa fi dalagaa lammiiwwan Ameerikaa hatamuu akkasumas amla gaarii hin ta’iniif obsa hin qabnu jedhan.

Dubbi himaan dhimma alaa Chaayinaa Waang Wenbin Beejiing keessatti tuuta oduuf ibsa kennaniin qoonsiilaa Houston cufuun tarkaanfii hagas hin jedhamne kan yeroo dhiyoo as Chaayinaa irratti fudhatamaa jiru jedhan. Yunaayitid Isteetis hojjettotaa fi diplomaatota Chaayinaa qoonsilaa sana keessaa doorsisuu ishee qeeqanii, barattoota lammiiwwan Chaayinaa duraa meeshaalee elektrooniksii kan dhuunfaa duraa qabuuf hanga to’annaa jala oolchuutti ga’uun doorsisiti jechuun himataniiru.

Waang, yoo bulchiinsi Traamp yaada hin jijjiirre Chaaniyaan ijaa baati jechuun akeekkachiisan.

Sa’aatilee hanga tokko erga ajaji kun darbee booda, TV Houston kan KPRC jedhu viidiyoo keellaa qoonsilaa sana keessaa aarri ibiddaa ol ka’uu fi konkolaataan ibidda dhaamsu daandii sana irra dhaabatu mul’isee jira. Poolisiin Houston akka jedhetti hojjettoonni qoonsiilaa sanaa keellaa sana gad dhiisuuf ennaa qophaa’an galmeelee jiru guban.

Hariiroon biyyoota dinagdeen guddatan lamaan gidduu jiru baatilee dhiyoo as dhimmootii adda addaa kan akka daldalaa, teeknooloojii fi ka chaayinaan seera naga eegumsa biyyoolessaa baastee Hong Kong irra keesse dabalatee hammaataa adeeme.

Lammiiwwan Chaayinaa lama Kibxata kaleessaa marsariitii waaltaalee naannoo , addunyaa jiran kampanii dabalatee kampaniilee talaallii COVID-19 oomishan kan Yunaayitid Isteetis tajaajila tika nagaa Chaayinaa waliin hojjetaa cabsanii seenuuf yaalan jedhamuun himataman.

XS
SM
MD
LG