Xurree ittiin seenan

Breaking News

Leellisaa Dimokraasii fi Kampanii Sabaa Himaa Kan Hoogganan Lammiin Hong Kong To’annaa Jala Oolan   


Nama miidiyaa beekamaa Hong Kong fi leellisaa dimokraasii Jimmy lai seera nageenya biyyoolessaa Chaayinaan qophaa’e kabajuu dhaban jechuu dhaan namoota torba hidhaman keessaa tokko.

Gaazexaan Apple Daily kan kampanii Laayii Next Digital jedhamuun maxxanfamu akka jedhetti maanguddoon umurii waggaa 72 Laayiin biyyootii alaa waliin shiran jechuun shakkamanii mana jireenyaa isaanii keessaa fudhataman. Gaazixaan sun akka jedhetti namoonni hidhaman kan umuriin 39-72tti jiran yoo ta’an eenyummaa isaanii garuu adda hin baasne.

Laayiin erga hidhamanii sa’aatii tokko booda poolisoonni 100 ta’an waaaajjira haadhoo kampanii Next Digiiital jedhamuu weerarrran. Gaazexaan kun weerara kana ennaa poolisoonni kutaa oduu itti qopheessan guutanii galmee odu gabaastotaa sakatta’an marsariitii isaa irratti kallattiin tamsaasee jira.

Gaazexaan sun akka gabaasetti Laayiin ennaa weerara kanaa harki isaanii hidhamee kutaa oduu itti qopheessanitti fidaman.

Lala’iin nama beekamaa erga seerri kun hojii irra oole baatii Adoolessaa qabee nama irratti fuuleffatamaa ture. Akka seera sanaatti eenyu iyyuu kan Hong Kong keessaa shorokeessummaa, addaan fottoquu, humnoota alaa waliin ta’uu dhaan aangoo mootummaa irratti yoo fincile ykn shire yoo itti murtaa’I hidhaa umurii guutuun adabama.

Laayiin duruu ilaalcha isaanii leellistummaa dimokraasiif jecha seeraan gaafatamuuf jiru.

Laayiin sababaa itti aanaa prezidaantii Yunaayitid Isteetis Maayik Pence fi ministeera dhimma alaa Maayik Poompeeyoo waliin baatii Adoolessa keessa Washington keessatti wal arganii rakkoo siyaasaa Hong Kong Mari’ataniif jecha Beejiing akkaan irratti fuuleffattee jirti. Mnistriin dhimma alaa Chaayinaa marii sana akka jiddu seeniinsa humnootii alaatti fudhatee jira.

XS
SM
MD
LG