Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaa Keessatti Lakkoofsii Namoota Vaayrasii Koronaan Qabamanii Miliyoona Tokko Gaheera


Ardii Afrikaa keessatti lakkoofsii namoota vaayrasii Koronaan qabamanii Miliyoona tokko ta'uun ibsamee jira.

Lakkoobsa dhukkubsattootaa kana walakkaa caalaan Afrikaan Kibbaa qofa keessa jiran.Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa(WHO)torbanneen dhufan kana keessa jila hayyootaa gara Afrikaa Kibbaatti erguuf deema.

Ministriin eegumsa fayyaa kan Afrikaa kibbaa gama isaan weerarrii Koronaa kan marsaa lammataa ka'u mala jechuun akeekkachiise.

Gama kaaniin biyyonni Afrikaa kanneen biroon attamitti weerara kana dura dhaabachuu akka qaban mala ofii isaanii qopheeffataa jiran.

Gabaasa Guutuu Caqasaa

Afrikaa fi Dhukkuba Koviid-19
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:43 0:00


XS
SM
MD
LG