Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaan Alangaa Gaazexeessaa Yaasin Jumaa Akka Hiikkamu Ajeja Kennuu Beeksise


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Abbaan Alangaa Federaala Itiyoopiyaa gaazixeessaan lammii Keenyaa to’annaa jala oole eeyama hin qabu jedhe.

Hojii gaazexeessummaa hojjetaa utuu jiruu to’annaa ooluun isaa gabaasamaa kan ture lammiin Keeniyaa Yaasiin Jumaa mana Obbo Jawaar Mohamed keessatti kan qabame ta’uu isaaf gaazexeessaa ta’uu isaa kan hin beeku jedhe abbaan alangaa.

Abbaan Alangaa Gaazexeessaa Yaasin Jumaa Akka Hiikkamu Ajeja Kennuu Beeksise
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:13 0:00

Abukaatoon shakkamaa kanaas maamilli isaanii jecha mana murtiif kenneen ogeessa teeknooloojii ragaa ta’uu ibsuu isaa VOAf ibsaniiru.

Abbaan alangaas Yaasin Jumaa akka hiikamu ajaja kennuu beeksiseera.

Du’a artist Haacaaluu booda haala uumamee fi miidhaa dhaqqabe keessaa harka qabu jedhamuu dhaan kan poolisiin shakkee to’annaa jala oolche keessaa lammiin Keeniyaa Yaasin Jumaa tokko.

Shakkamaa kana ilaalchisuu dhaan gabaasaaleen sabaa himaalee dhaan tamsaasaman lammiin Keeniyaa kun gaazixeessota waliin hojjetaa utuu jiruu qabamuu isaa fi hiriira mootummaa morumu gabaasaa utuu jiruu poolisii dhaan seeraan ala qabame ka jedhu. Haa ta’u malee shakkamaan kun abukaatoon isaa obbo Kadir Bulloo mana murtiif akka ibsaniif barreeffamaan kan kenne VOAf dubbisaan akka dhiyeessanitti ogeessa odeeffannoo teeknooloojii ta'uu isaaf fiilmee seena galmeessaa dhimma barattoonni marsariitii irratti baratan kan naannolee Oromiyaa gabaasuuf gamasitti kan imale ta'uu abbaan alangaa beeksisee jira.

XS
SM
MD
LG