Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Naannoo Benishaangul Gumuz Keessatti Raawwatu Dhaabsisuuf Mootummaa Waliinan Hojjedha Jedhe: Naannoon Amaaraa 


Itoophiyaa map
Itoophiyaa map

Haleellaa lammiiwwan irra dhaqqabaa jiru ittisuuf seerri jiru hanga eeyametti mootummaa federaalaaf bulchiinsi naanoo gumuz waliin hojjechuuf qophii ta’uu mootummaan bulchiinsa naannoo Amaaraa beeksisaniiru.

Bulchiinsa naannoo Benishaangul gumuz godina gubaa fi Mattakkal keessaa dhalattoota Amaaraa irratti haleellaa irra deddeebi’ee raawwatamu bulchiinsi naannoo Amaaraa balaaleffataa ture.

Hoogganni sadarkaa ol aanaa humnootii nageenyaa fi raayyaa ittisa biyyaa wajjin ta’uun rakkoo kana dhaabsisuuf yaalii godhaa ituu jiranii Fulbaana 14 bara 2013 godina Matakkal aanaa Daangur keessatti haleellaa biraan geggeeffame.

Gochi kunis bulchiinsa naannoo Amaaraa akkaan kan mufachiisee fi humnootii farreen nageenyaa haleellaa kana geessisan kanneen deggeran hoogganni tokkoo tokko akka jiran hubatamuu daayirekterri kominikeeshinii obbo Gizaachoo Muluneeh dubbataniiru.

Haleellaa Naannoo Benishaangul Gumuz Keessatti Raawwatu Dhaabsisuuf Mootummaa Waliinan Hojjedha Jedhe: Naannoon Amaaraa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:44 0:00


XS
SM
MD
LG