Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kan Manni Murtii Godina Walaayittaa Murteesse Manni Murtii Waliigalaa Fudhatama Dhorke


Hogganoota sadarkaa olaanaa godina Walaayittaa fi namoonni siyaasa 6 kan ammaan dura manni murtii olaanaan kan godiina Walaayittaa akka wabiin ba'an murteesse manni murtii walii galaa kan bulchiinsa naannoo uummattoota Itiyoophiyaa gama kibbaa ugguree jira.

Manni murtii walii galaa naannoo sanaa har'a dhaddacha oleen kanneen sirna heera irratti ijaaramee diigan akkasumas gocha malaamaltummaa guggaa hojjachuun shakkaman kun bulchaa godiina Walaayiittaa Obbo Daagaatoo Kunbee dabalatee namoonni 6 mana hidhaa akka seenan ajaja kenne.

Bellama itti aanuus Fulbaana 21 bara 2013tti kennuu isaa Yonaataan Zabdiwoos Hawaasaa irraa gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG