FINFINNEE —
Irreechi Hora Finfinnee ka bara kanaa haala ammaan dura kabajamee ture irraa addatti namoota haga xiqqaa fi miira qabbanaa’aadhaan kabajamee oole.
Ayyaaneffannaa Irreechaa kana irratti namoonni baajii mootummaan qopheesseen seenaa turan.
Kanneen baajii malee hin seentan jechuun dhowwamanis gabaasaan VOA argee jira.